Macaafa Qulqulluu

Fri, 06 Mar, 2026 at 11:00 am UTC+03:00

Tulu Dimtu, Shewa, Ethiopia | Addis Ababa

Horroo Jaawwii Maccaa
Publisher/HostHorroo Jaawwii Maccaa
Macaafa Qulqulluu
Advertisement
Maariyaam Yesuusiin erga deesseetii ijoollee kan biraa qabdi moo hin qabdu ?
Kun Yeroo baay’ee waan namoonni gaafatanidha.
Maariyaam dhalachuu kiristoos Yesuusiin alatti ijoollee qabdi moo hin qabdu? Yoo qabaatte meeqa dha? Isa jedhuuf deebiisaa Macaafa Qulqulluun kan deggarame dhugaa jiru walumaan qorannee bira geenya. Hangasitti garuu warri qabdi jeettanis hin qabdu jettanis ragaa Macaafa Qulqulluutiin kan deggarameen deebisa!
Maariyaam Yesuus malee ijoollee kan biraa qabdi moo hin qabdu ? Qabdi yoota'e meeqa?
Maariyaam haati Yesuus Kiristoos waa'ee ishee akka Macaafa Qulqulluutti baay'een keenya beekna. Jalqabuma namoonni baay'een sababa Kiristoosiin waa'ee ishee baraniiru. Haata'u malee Macaafni Qulqulluun waa'ee ijoollee gara biroo qabaachuushee qulqulleessee kaa'a. Warri ijoollee gara biroo hin qabdu jedhan Macaafa qulqulluutti kan hin amannee fi hin dubbisne dha. Ijoolle qabaachuushee fi maqaa ijoollee sanaallee Macaafni qulqulluun eereera.
Amma akkasumatti haasa'uu keenyarra Macaafa qulqulluutti ammanna yoota'e tokko tokkoon bakka caqafamee jiru ni ilaalla.
Akka Luqaas boqonnaa 1 keessatti Caafetti yoota'e ergamaan Gabri'el yeroo Maariyaamitti mul’achuudhaan dubbate Maariyaam durba duudaa ta'uushee akkasumas kaadhima Yoseef akka taate dubbata. Yeroo sanatti Maariyaam dhuguma durba dha ykn eenyu waliinis wal-qunnamtii saalaa hin raawwanne. Namoonni baay'een akka yaadasaanitti " isheen durbummaadhaan deesseetu bara jireenyashee hafe hundumaatti akkasumaan aarsaa of gootee hafte " jedhu
Haata'u garuu wangeela Mat. 1:24-25 akkas jedha
📖
Mat. 1
²⁴ Yoseef hirribaa dammaqee, akkuma ergamaan gooftaa isa abboometti kaadhima isaa of biratti in fudhate.
²⁵ Haa ta'u iyyuu malee, inni hamma isheen ilma ishee deessutti ishee hin barre; mucicha immoo "Yesuus" jedhee in moggaase.
Hamma isheen ilmashee deessutti ishee hin barre" jedha garuu akka haadha manaatti of biratti fudhachuusaas ni hima. Ragaan Macaafni Qulqulluun nuuf himu yoo ilaalle akka isheen ijoollee gara biraa godhatte nutti hima malee hin qabdu kan jedhu hin jiru. Ragaan " hin qabdu " jedhee ifaan ifatti Macaafa Qulqulluu irratti eerame hin jiru.
Wangeela Maarqos yoo ilaalles
📖 Mar. 6
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
² Guyyaa Sanbataattis mana sagadaatti barsiisuu jalqabe. Warra isa dhaga'an keessaas baay'een raajeffatanii, "Wanti kun hundinuu eessaa dhufeef? Ogummaa attamiitu isaaf kenname? Hojii aangoo attam attamiitus harka isaatiin hojjetaman?
³ Kun muka soofticha ilma Maariyaam, obboleessa Yaaqoob, Yosees, Yihudaa fi Simoon mitii? Obboleettonni isaas as nu bira jiru mitii?" jedhanii isa maman jedha.
Namoonni achi turan kun Yesuusiin kan morman jechoota akkas jedhuun kan morman namootuma Naazireet biyya sana waliin jiraatanidha. Akkuma hundi keenya beeknu Yoseef nama hojii mukaa hojjetudha. Yesuusis hojii mukaa kana hojjechuusaa hundi keenya beekna. Kana irratti hundaa'uun namoonni yeroo sana turan waa'ee kanaa nu caalaa beeku jechuudha. Eenyummaa haafuuraa keessatti isa wallaalan malee enyummaa fooniitiin garuu sirriitti isa beeku.
Dubbii ogummaa kana raajeffatanii :
“ kun muka soofticha ilma Maariyaam, obboleessa Yaaqoob, Yosees, Yihudaa fi Simoon mitii? Obboleettonni isaas as nu bira jiru mitii?
" jedhanii isa maman.” Jedha.
Kun kan ibsu Maariyaam ijoollee gara biraa akka qabdu nutti ibsa. Yesuusiin malee ijoollee 6 akka ta'anillee ni mirkaneessa.
Isaanis ; Yaaqobii, Yosees, Yihudaa , Simoon, fi ijoolleen durbaallee maqaan isaanii akka kanatti eeramuu baatus 2 fi isa ol akka jiran ni ibsa. Obboleettota yeroo jedhu 2 ol akka ta'e nuuf hubatama.
Dhalachuu Yesuusii fi hanga gaafa hojiisaa mul'inatti jalqabetti waggoota 30tu jira. Kuniyyuu ragaa obbolaa akka qaba jechuu dha.
Akkasumas Wangeela Yoh. 2:12 irra kan jiru akka argisiiftuu tokkootti lakkaa'ama. Innis maal jedha ?
“Kana booddee Yesus haadha isaa, obboloota isaatii fi bartoota isaa wajjiin gara mandara Qifirnaahomitti gad bu'e; ” Jedha. 📖Yoh. 2:12
Kan nama dinqifachiisu immoo obbolootaa fi bartootasaa jedha. Bartootni fi obbolaan asitti hiika garagaraa qabu. Bartootni walitti dhufeenya afuuraa isa waliin qabu. Obbolaan garuu fira ykn obbolummaa dhiigaa akka ta'e nutti mul'sa jechuu dha.
Mat. 12:46; irrattis yaaduma kana nuuf cimsa.
“Utuu Yesuus namoota wajjiin dubbachaa jiruu, kunoo haati isaa, obboloonni isaas isaa wajjiin dubbachuu barbaadanii dhufanii, ala in dhaabatu turan.” jedha
“ Haati isaa fi Obbolaan isaa “ gaaleen jedhu hariiroo maatii ta'uusaani ibsa.
Haata'u garuu, Yesuus obbolaa qaba yeroon jedhu obbolaaan isaa kun akkaataa inni itti dhalateetti dhalatan jechuu miti. Isaan kan dhalatan biologically system (hariiroo qunnamtii fedha foonii dhiiraa fi dubaraa gidduutti taasifameen) dhalatan malee hafuura qulqulluudhaan miti. Kan haasawutti jirru Maariyaam erga Yesuusiin deesseetii ijoollee gara biraa qabdimoo hin qabdu ? Yoo qabaattewoo meeqa” isa jedhu akka ta'e hubadhaa.
Kanaaf Maariyaam durbummaan erga Yesuusiin deessee durbummaan hin hafne. Utuu ijoollee kan biraa hin dahiin hin hafne. Hafteetti kan jedhus caafamee hin jiru. Haata'u garuu hubannoo doggoggoora fi qajeelfama doggoggooraatiin namoonni baay'een haasa'uu danda'u. Kun immoo kanuma jirudha. Akkuma Rom. 3:23 irratti dubbatu
“📖 Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir'ateera.” jedha. Namni hundinuu cubbamaa fi yakkaa akka ta'e nuuf mirkaneessa. Haata'u malee, Waaqayyo Maariyaamiin hojii qulqullummaa fi hafuuraa kanaaf ishee filateera. Akkuma isheen jetteyyu “Inni gad deebii garbittii isaa yaadateera'o; egaa, ammaa jalqabee dhaloonni hundinuu ayyaana-qabeettii anaan jedhu.” jette 📖 Luq. 1:48
Kanaaf isheen amantiidhaan Waaqayyoof abboomamteetti akkuma raajota akka Musee, Eliyaas, Gediyoon, Haannaa, Elsaa'i , Yohannis cuuphaa fi kkf jechuu dha.
Maariyaam ofqabuudhaan gaa'ela Yoseef waliin qabaachuun ishee Waaqayyoon filatamtee hariiroo gaarii ta'e Waaqayyo waliin akka qabaattu ishee taasiseera. Namoota gurguddoo kan ta'an kanneen akka Yaaqob fi Yihudaa ergaa kan nuuf barreessan maatii sana gidduudhaa argamaniiru.
Kanaan alatti Maariyaamiif Macaafa Qulqulluu irratti iddoon addatti sadarkaa Waaqayyummaatti ishee ol guddisu hin jiru. Namni sadarkaa Waaqayyootti ishee qixxeessuu barbaadu yoo jiraate baay'ee dogoggora dha. Waaqayyoon ganuu dha.
Walumaagalatti Gaaffii “ Maariyaam Yesusiin alatti ijoollee qabdi moo hin qabdu isa” jedhuuf deebiinsaa Eeyyeen qabdi. "meeqa qabdi “ isa jedhuuf immoo hanga kana jedhamee caafamee jiraachuu baatus tilmaamaan garuu Yesuusiin alatti 6 fi isa oli Wangeela Marq. 6:3 irraa akka tilmaamamutti jechuu dha.
Gaaffiin gara biraa yoo jiraates Anaa dhufu isiniin jedha.
Eebbifamaa!
#hundaaf
Advertisement

Event Venue & Nearby Stays

Tulu Dimtu, Shewa, Ethiopia, Addis Ababa, Ethiopia

Icon
Concerts, fests, parties, meetups - all the happenings, one place.

Ask AI if this event suits you:

More Events in Addis Ababa

Medical & Healthcare Trade Exhibition
Fri, 06 Mar at 10:00 am Medical & Healthcare Trade Exhibition

Millennium Hall

EPHA Conference
Mon, 16 Mar at 08:30 am EPHA Conference

Ethiopian Public Health Association

Complast Ethiopia
Fri, 20 Mar at 08:30 am Complast Ethiopia

Millennium Hall

Invest In Ethiopia
Thu, 26 Mar at 02:00 am Invest In Ethiopia

Addis-Abeba

Addis Ababa is Happening!

Never miss your favorite happenings again!

Explore Addis Ababa Events